Kishore Kumar Hits

Hachalu Hundessa - Maalan Jira lyrics

Artist: Hachalu Hundessa

album: Maalan Jira


Laal galootoo Gullaalleen kan tufaa
Laal galootoo gaara Abbichuu turii
Laal galootoo galaan Finfinnee baase
Laal galootoo silaa akka jaalalaa laal galootoo
Wal irraa hin fagaannuu laal galootoo
Jara nu fageessee
Laal galootoo Gullaalleen kan tufaa
Laal galootoo gaara Abbichuu turii
Laal galootoo galaan Finfinnee baase
Laal galootoo silaa akka jaalalaa laal galootoo
Wal irraa hin fagaannuu laal galootoo
Jara nu fageessee
Diiganii gaara sanaa gaara diigamuu hin mallee
Nu baasan addaan baanee nu addaan bahuu hin mallee
Soorettii haadha sooree irbaanni irra buusa qabaa
Seeqanii sesseeqanii kan gargar nu baasan jara
Koo galaanee tiyyaa
Qotiyyoon abbaan didaa yaa didaa harqoota keessaa
Koo galaanee tiyyaa
Qorra baraan dadhabee morma kee jalattan dheessaa
Koo galaanee tiyyaa
Sululta loon hin tiksuu darabaatti galcheeraa
Koo galaanee tiyyaa
Yooman dhufee si argaa ani si irraa fagoon jiraa
Maalan jiraa maalan jira maalan jiraa yaa galaanee
Maalan jiraa caccabsee na nyaatee jira
Ani hin jiruu ani hin jiruu yaa galaane
Ani hin jiruu kukkutee na nyaate tiruu
Qotee qotee namichi sanyii darbatee yaa galaanee
Qotee qotee namichi sanyii darbatee
Rafee hin buluu namni waan ormaa abdatee galaanee
Maalan jira cacabsee na nyaatee jiraa
Laal galootoo Gullaalleen kan tufaa
Laal galootoo gaara Abbichuu turii
Laal galootoo galaan Finfinnee baase
Laal galootoo silaa akka jaalalaa laal galootoo
Wal irraa hin fagaannuu laal galootoo
Jara nu fageessee
Laal galootoo Gullaalleen kan tufaa
Laal galootoo gaara Abbichuu turii
Laal galootoo galaan Finfinnee baase
Laal galootoo silaa akka jaalalaa laal galootoo
Wal irraa hin fagaannuu laal galootoo
Jara nu fageessee
Diiganii gaara sanaa gaara diigamuu hin mallee
Nu baasan addaan baanee nu addaan bahuu hin mallee
Soorettii haadha sooree irbaanni irra buusa qabaa
Seeqanii sesseeqanii kan gargar nu baasan jara
Koo galaanee tiyyaa
Farda siidaa kafanii siidaa dabalii suurii
Koo galaanee tiyyaa
Erga nu daangeessanii barri turee bubbulee
Koo galaanee tiyyaa
Waddeessi ciraa gubee Amboo irraa calaqqisee
Koo galaanee tiyyaa
Narraa fagaatte jedhee si yaaduun kiyya yoom hafee
Maalan hafee maalan hafee maalan hafe yaa galaanee
Maalan hafee caccabsee na nyaate lafee
Ani hin jiruu ani hin jiruu ani hin jiruu yaa galaane
Anii hin jiruu kukkutee na nyaate tiruu
Cuwwaa cuwwaa jettii simbirroon halkanii yaa galaanee
Cuwwaa cuwwaa jettii simbirroon halkanii
Nama garaan dhaane dirmammuu hin arganii yaa galaanee
Maalan jiraa caccabsee na nyaatee jiraa
Maalan jiraa maalan jiraa maalan jiraa yaa galaanee
Maalan jiraa caccabsee na nyaatee jiraa
Ani hin jiruu ani hin jiruu ani hin jiruu yaa galaane
Anii hin jiruu kukkutee na nyaate tiruu
Qotee qotee namichi sanyii darbatee yaa galaanee
Qotee qotee namichi sanyii darbatee
Rafee hin buluu namni waan ormaa abdatee yaa galaanee
Maalan jira cacabsee na nyaatee jiraa

Поcмотреть все песни артиста

Other albums by the artist

Similar artists