Kishore Kumar Hits

Hachalu Hundessa - Oromummaa lyrics

Artist: Hachalu Hundessa

album: Oromummaa


Oromummaa isheen jaalle
Enyummaa sheefi duuti
Aadaa shee guddisuuf oliif gadi kaatti
Sabboontuu oromoo
Isheen yoomuu kootii
Afaan shee miidhagaa
Hugguu isheen haasooytu
Orommummaa sheetin yommuu itti boontu
Baay'een ishee jaallee
Daran jaalatamtuu
Anaaf ulagaan koo ulaagaan jaalalaa
Bifaafi bareedinaa hundumaayyu caalaa
Akkaan ishee jaalluu kan na godhee keessaa
Oromummaa sheeti an kanuman ibsa
Sabboontu oromoo jaalallee too faayaa
Hamaan sin argatini naaf ta'i nagayaa
Sabboontu oromoo jaalallee too faayaa
Hamaan sin argatini naaf ta'i nagayaa
Oromumma isheen jaalle
Enyummaa sheefi duuti
Aadaa shee guddisuuf oliif gadi kaatti
Sabboontuu oromoo
Isheen yoomuu kootii
Afaan shee miidhagaa
Hugguu isheen haasooytu
Orommummaa sheetin yommuu itti boontu
Baay'een ishee jaallee
Daran jaalatamtuu
Horsadeettan arge yommu irreffattu
Umaa shee kadhattee yogguu ishiin deebitu
Uffata aadaatiin miidhagdee bareeddee
Tasa ishee laaletan keessi go gammade
Sabboontu oromoo jaalallee too faayaa
Hamaan sin argatin naaf ta'i nagayaa
Sabboontu oromoo jaalallee too faayaa
Hamaan sin argatin naaf ta'i nagayaa
Anaaf homtuun jiruu isheen kan qixxaa'u
Ani booji'ameef umurii koo guutuu
Enyummaan shee qofti na ga'ee qufeeraa
Ka biraan barbaadu ishumaanan boona
Sabboontu oromoo jaalallee too faayaa
Hamaan sin argatini naaf ta'i nagayaa
Sabboontu oromoo jaalallee too faayaa
Hamaan sin argatini naaf ta'i nagayaa

Поcмотреть все песни артиста

Other albums by the artist

Similar artists