Kishore Kumar Hits

Galaanaa Gaaromsaa - Baallii lyrics

Artist: Galaanaa Gaaromsaa

album: Baallii


Andoodeedhaan miiccadhe
Maaf hin addaanne bullukkoon kuni hin daaruufan abdadhe
Maal na yaaddessa yandoon kuni
Odaa karrakoo duraaa eenyuutu dhufee itti dhibaafataa
Hortee ganamaa malee eenyutu cabbii sitti caamsataa
Odaan kuni abbaa qabdi beekkachaa
Odaan kuni
Abbaa qabdi beekkachaa
Ee milkiin kuni
Abbaa qabdi beekkachaa
Jibuun kuni
Baallii sirra suuqqachaa
Ee duudhaan kuni
Baallii sirra suuqqachaa
Ooohoooo
Si jaalatti hayyuun Asaasaa
Dhugaa jallattee soroorsaa
Gumeefi gumaa ni baasa
Harka dhiige qulqulleessaa
Odaan mallattoo biyyaati
Ibsituu Oromummaati
Jirma tokko damee sagaliiti
Qananiistuu ilmaan Oromootii
Yaa obsakeee
Ittuma dhiiftaa wallaalaan qottoon si muraa
Yaa tolakeee odaa
Jaarraa tokkoofuu godaantuu si jalaa bula
Bare odaan keenya sun
Kunoo gomboobee lammiisaaf gaaddisa ta'a
Ilma namaa dhiifnaan
Mukti rabbiillee cabbiin roobu dheessa ta'a
Yoo yandoon si tumee
Dhaqi odaa Bisil jala
Yoo hammaate bubbeen
Dhaqi odaa Bultum jala
Yoo si nyaare gandii
Dhaqi odaa Bulluq jala
Yoo hammaate aduun
Odaa Roobaa jalatti
Maaf si nyaatti ormii
Odaa Nabee jalattii
Qe'ee abbaakeerratii
Biyya abbaakeetirrattii
Sukkuumeetan miiccadhee
Sittin addaatuu bullukkoon kunii hin daaruufan abdadhee
Maal na yaaddessaa an yandoon sunii
Odaa karrakoo duraa eenyutu dhufee itti dhibaafataa
Hortee ganamaa malee eenyutu cabbii sitti caamsataa
Odaan kuni abbaa qabdi beekkachaa
Odaan kuni
Abbaa qabdi beekkachaa
Ee milkiin kuni
Abbaa qabdi beekkachaa
Jibuun kuni
Baallii sirra suuqqachaa
Ee duudhaan kuni
Baallii sirra suuqqachaa
Ooohoooo
Si jaalatti hayyuun Asaasaa
Dhugaa jallattee soroorsaa
Gumeefii gumaa ni baasaa
Harka dhiige qulqulleessaa
Odaan mallattoo biyyaatii
Ibsituu Oromummaatii
Jirma tokko damee sagaliitii
Qananiistuu ilmaan Oromootii
Yaa obsakeee
Ittuma dhiiftaa wallaalaan qottoon si muraa
Yaa tolakeee Odaa
Jaarraa tokkoofuu godaantuu
Si jala bulaa
Bare Odaan keenya sun
Kunoo gomboobee lammiisaaf gaaddisa ta'a
Ilma namaa dhiifnaan
Mukti rabbiillee cabbiin roobu dheessa ta'a
Yoo aduun si gubee
Dhaqi Odaa Bisil jala
Yoo bubbeen sit dhufee
Dhaqi Odaa Bultum jala
Yoo si yaame hayyuun
Dhaqi Odaa Bulluq jala
Haa wal geessu lammiin
Odaa Roobaa jalattii
Yoo mari'anne tolaan
Odaa Nabee jalattii
Kamtu bira lolaa
Biyya abbaakeetirrattii!!!

Поcмотреть все песни артиста

Other albums by the artist

Similar artists