Kishore Kumar Hits

Galaanaa Gaaromsaa - Sandaabileekoo lyrics

Artist: Galaanaa Gaaromsaa

album: Baallii


Citaa Booranaa
Waanbaraan jira
Siyaadeen dhufe
Koottuu wal agarra
Citaa Boorana
Sii eegaan jira
Naa yaadde dhuftee
Koottu wal agarra
(Citaa boorana) dinbilaallii margee
(Citaa boorana) baddeessaan jijjigee
(Citaa boorana) matakkal hin qabu
(Citaa boorana) kan dhaabbate muge
(Citaa boorana) haameen ajjeeradhe
(Citaa boorana) mooji dhimmuu gannaa
(Citaa boorana) yoo cumboo feetemmoo
(Citaa boorana) been matakkal dhaqna
Eebantuu namaa
Gaaleessi gamanaa
Matakkal dhaqnee
Jaalala sooranna

(Citaa boorana) Yaatuu bishaan cundee
(Citaa boorana) tulluu jalaan gortee
(Citaa boorana) dubbiin garaa qaba
(Citaa boorana) laphee jalaan gortee
(Citaa boorana) gasaangasaa roobee
(Citaa boorana) caffee keenyaa file
(Citaa boorana) an orma hin amanu
(Citaa boorana) ollaarrattan jiile
Ollaa fi dugdaan kan lafaa ka'aanoo
Olloomuu malee orman amananoo

Karaan waanbaraa deemanoo (gasaangasa gaarrii fuullee)
Saandabileekoo (garaa sabbataa hidheeni haalkan yaanni natti duule kanaafun ba'ee as fudhee)

Hirqiifuun laphee na hooqa
Situu na wawwaamamoodha
Saandabileekoo
Jaalalumaakee na foola
Ijiikoos karaarra oola
Obsuun waa heddurra caalaa

Bookkaan hagayya kan roobe
Yandoof tittiifun wal keessa
Saandabileekoo
Ko'oomeen dhufuu dhabeemi
Xalayaan an si barreessa
Dhaamsa koo si qaqabsiisa

Qaamaakoo xinnaa na yaade
Dhaamsa natti hin ergineemi
Saandabileekoo
Afaankoo dubbii nan beeka
Ittin barachuu dhabeeni
Aarsitee nan boochisini

Ana nyaatuun naman nyaatu
Otoo nyaate meeqa nyaata
Saandabileekoo
Na duraa garaa hammaattaa
Bulfaata bulteetin nyaata
Muudaa saaqoo tumaa taata

Laal sandaabee birraa
Sandaabee birraa
Bor wal yaanna malee
Har'aaf wal bira
Laal sandaabee birraa
Sandaabee birraa
Bor wal yaana malee
Har'aaf wal bira
Boorofaa boorofaa (sandaabee birraa)
Boorofaa hin oofanoo (sandaabee birraa)
Anaafi si qofaa (sandaabee birraa)
Kan waliif haawwanoo (sandaabee birraa)
Dangaaf talbaan qootuu (sandaabee birraa)
Muucucaattu sanaa (sandaabee birraa)
Ijoolee waanbaraa (sandaabee birraa)
Sissi'oftuu kanaa (sandaabee birraa)
Shoori shoori roobe
Abaabeen birraa
Yoo deemteemoo hin hafiin
Wal yaada turra (geelisii)

Laal sandaabee birraa sandaabee birraa
Boor wal yaanaa malee
Har'aaf wal bira
(Laal sandaabee birraa sandaabee birraa)
(Boor wal yaana malee har'aaf wal bira)
Boorofaa boorofaa (sandaabee birraa)
Boorofaa hin oofanoo (sandaabee birraa)
Anaafi si qofaa (sandaabee birraa)
Kan waliif haawwanoo (sandaabee birraa)
Dangaaf talbaan qootuu (sandaabee birraa)
Mucuccaattuu sanaa (sandaabee birraa)
Ijooleen matakkal (sandaabee birraa)
Sissi'oftuu kanaa (sandaabee birraa)
Shoori shoori roobee
Abaabeen birraa
Yoo deemteemoo hin hafiin
Wal yaada turra (geelissi)

Поcмотреть все песни артиста

Other albums by the artist

Similar artists