Kishore Kumar Hits

Galaanaa Gaaromsaa - Ilkee Arrabaa lyrics

Artist: Galaanaa Gaaromsaa

album: Baallii


Enna dubbatus of quusadhuu
Elaa hambiifadhuu
Gorsii xiqqoon qabduu
Ela jaalle hubaadhuu
Enna muufatus boruun jettu
Atoon quusattu
Jechii kee gochaakeera ol caalee gabbituu

Hirkoo jaalalaa kooti jedheen
Bultii naa taata fedheen
Wajjiin fulaafna jedheen
Si filaadhee
Miltoo jireenya taana jedheen
Wajjiin imaala fedheen
Midhaamu koo dagaadhe sii gorfadhe
Gorsii siif abaarsa
Gurra jalaa siin darbuu
Lolii siif waldhansaa
Kan jaalalaa daddarbuu
Dhabaa hubannootu
Gufuu jaalalaa ta'a
Arrabaa cabuutu
Summi jaalalaat fe'aa
Cabaa lafeelen ni wal'aanu
Ilkee arrabaan fayyaanu
Sifoo jaalali yakka
Qophaan jiraadha takka
Otoon sii abdadhu
Otoon siin dhaddadhu
Otoon sii jaaladhuu, na miiiiiteeeee
Otoon sii kunuunsu
Otoon ifitti sii ansuu
Arrabaan naa dhantee, na miiiiteee
Otoo nan suphaa jettes
Hin fayyu dhagaan cabaa
Godoo jaalalaa deebitee
Cubbuun eenyuuman qaba
Otoo nan suphaa jettes
Hin fayyu dhagaan cabaa
Godoo jaalalaa deebitee
Cubbuun eenyuuman qaba

Enna dubbatus of quusadhuu
Elaa hambiifadhuu
Gorsii xiqqoon qabduu
Ela jaalle hubaadhuu
Enna muufatus boruun jettu
Atoon quusattu
Jechii kee gochaakeera ol caalee gabbituu

Utuun bar utuudha darbitee
Bulaan gaabbi argitee
Turaan gaabbi hubatte, of hubatte
Hoggun sii kadhuu san cal'iftee
Kootu caalaa nan jeete
Ofumaaf bol'aa qotte of darbitee
Nan obsaa jedheeni
Garaa kootu na didee
Nan dhoksaa jedheeni
Arrabaa keet na hiddee
Murteesse garaan koo
Dubbiit garaa na bulee
Sii beekus oonneen koo
Arrabaa keet na ulee
Cabaa lafeele ni wal'aanu
Ilkeen arrabaan fayya
An kanaan tufe hin arrabu
Arrabat citti egaagu
Ofiif karaa batee
Ofiif karaa sentee
Ofiif oonnee dhitte
Ooofiiiifiiii
Hulaa bana dhiftee
Oonnee cabaa dhiftee
Ofiif keessaa batee
Ooofiiiifiii
Otoo nan suphaa jettes
Hin fayyu dhagaan cabaa
Godoo jaalalaa deebitee
Cubbuun eenyuuman qaba
Otoo nan suphaa jettes
Hin fayyu dhagaan cabaa
Godoo jaalalaa deebitee
Cubbuun eenyuuman qaba

Поcмотреть все песни артиста

Other albums by the artist

Similar artists