Kishore Kumar Hits

Haacaaluu Hundeessaa - Kuullee Koo lyrics

Artist: Haacaaluu Hundeessaa

album: Maal Mallisaa


Yaadaa fi yaaddoo keetiin
Yaadaa fi yaaddoo keetiin
Halkan ciisa dhabe
Waanuma kee yaadutti
Maaf hirriba dhaba
Kee garaan akkamii
Kankoo ammas dide
Kunoo natti gama
Maal naaf wayya kuullee koo
Egaa maalinni falli koo
Maal naaf wayya kuullee koo
Egaa maalinni falli koo
Yayyaba Walaabuu maddite
Yaa taliila bishaan ganamaa
Lixee daakee ba'uu dadhabe
Danbalii yaada keen raafama
Yayyaba Walaabuu maddite
Yaa taliila bishaan ganamaa
Lixee daakee ba'uu dadhabe
Danbalii yaada keen raafama
(Raafama raafama raafama)
Ayyaana keef safuu
Simboo kankeef safuu
Meeqa jilbaan oofee
(Maal naaf wayya kuullee koo
Egaa maalinni falli koo)
Oogdii jaalala kee
Lixee inni tumame
Utuu hin ba'in hafee
(Maal naaf wayya kuullee koo
Egaa maalinni falli koo)
Si'i giiftiin jalalaa
Si'i giiftiin goottummaa
Lubbuunkoos feetu
(Maal naaf wayya kuullee koo
Egaa maalinni falli koo)
Giiftii Warra Himanoo
Giiftii Warra Qaalluu
Maaliif kankoo hin taatu?
(Maal naaf wayya kuullee koo
Egaa maalinni falli koo)
Fakkii Amadee Liiban
Tokkicha Abbaa Waaxoo
Walirraa nu dhiiban
Foon tokko anaaf atoo
Gowwummaan Aliimaa
Karaa foddaa haa baatu
Otuu an siif jiruu
Ormaaf soddaa hin taatu
Heebanoof Maqdallaan
Korabiidhaan Sadii
An si fudheen gala
Kot' na wajjiin badi
Kot' na wajjiin badi
Kot' na wajjiin badi
Deesseen Dasee taatee
Magariituun Dirree
Dirre itti wal ariitu
Fardeenni maariyyee
Keessa qaxxamurree
Dalantaan darbinaa
Kamiseetti buunee
Sidaamee sirbina
Sidaamee sirbina
Sidaamee sirbina
Qabii qabii qabiika
Qabii qabii qabiika
Qabii qabii qabiika
Qabii qabii qabiika
Yaadaa fi yaaddoo keetiin
Yaadaa fi yaaddoo keetiin
Halkan ciisa dhabe
Waanuma kee yaadutti
Maaf hirriba dhaba
Kee garaan akkamii
Kankoo ammas dide
Kunoo natti gama
Maal naaf wayya kuullee koo
Egaa maalinni falli koo
Maal naaf wayya kuullee koo
Egaa maalinni falli koo
Yayyaba Walaabuu maddite
Yaa taliila bishaan ganamaa
Lixee daakee ba'uu dadhabe
Danbalii yaada keen raafama
(Raafama raafama raafama)
Bareediina keessaan
Gootummaa ishee argee
Yammu koraaf baatu
(Maal naaf wayya kuullee koo
Egaa maalinni falli koo)
Goota sanyii goota
Gadaammeessa abbaakee
Yaa sanyii Warqituu
(Maal naaf wayya kuullee koo
Egaa maalinni falli koo)
Si daangaan jaalalaa
Si daangaan gootummaa
Lubbuun koo sifeetuu
(Maal naaf wayya kuullee koo
Egaa maalinni falli koo)
Giftii Warra Yejjuu
Giftii Warra Baabboo
Maaliif kankoo hin taatu?
(Maal naaf wayya kuullee koo
Egaa maalinni falli koo)
Fakkii Amadee Liiban
Tokkicha Abbaa Waaxoo
Walirraa nu dhiiban
Foon tokko anaaf atoo
Gowwummaan Aliimaa
Karaa foddaa haa baatu
Otuu an siif jiruu
Ormaaf soddaa hin taatu
Heebanoof Maqdallaan
Korabiidhaan Sadii
An si fudheen gala
Kot' na wajjiin badi
Kot' na wajjiin badi
Kot' na wajjiin badi
Deesseen Dasee taatee
Magariituun Dirree
Dirre itti wal ariitu
Fardeenni maariyyee
Keessa qaxxamurree
Dalantaan darbinaa
Kamiseetti buunee
Sidaamee sirbina
Sidaamee sirbina
Sidaamee sirbina
Qabii qabii qabiika
Qabii qabii qabiika
Qabii qabii qabiika
Qabii qabii qabiika
Qabii qabii qabiika
Qabii qabii qabiika
Qabii qabii qabiika
Qabii qabii qabiika

Поcмотреть все песни артиста

Other albums by the artist

Similar artists