Kishore Kumar Hits

Haacaaluu Hundeessaa - Foon Foon Irraa Cite lyrics

Artist: Haacaaluu Hundeessaa

album: Maal Mallisaa


Foon foon irraa cinnaan
Soora allaattii ta'uun battala
Ee battala
Eegeef gaabbiin silaa duuba jirti
Gaabbuun keenya hin oolu galgala
Ee galgala
Irra deddeebi'ee sitti himmuun
Doorsisa fakkaata
Wal haa jabeeffannu waan ofii
Foon dhiigaan jabaata
Irra deddeebi'ee sitti himmuun
Doorsisa fakkaata
Wal haa jabeeffannu waan ofii
Foon dhiigaan jabaata
Maaliif diigda godoo jaalalaa
Waliin ijaarranne
Maa dagatta dhaamsa jaalalaa
Waliif dhaammanne
Yaa jarana gurri abbaa duuba
Gurra abbaarra seete
Maal naa dhaamta garaa na dhokfattee
Narra gargar bahuu feete
Yaa jarana gurri abbaa duuba
Gurra abbaarra seete
Maal naa dhaamta garaa na dhokfattee
Narra gargar bahuu feete
Itti hin bartu atis hin beektaa
Hubadhumee
Itti hin baru anis hin beektaa
Hubadhumee
Har'a garaa wal dhokfannaan
Bor nama gaabbii taana
Hidda malee xannachi hin dhiigu
Mee waan ofii maaltu caalaa
Jaalatoon
Faarsa
Jaalatoon
Faarsa
Itti hin bartu atis hin beektaa
Hubadhumee
Itti hin baru anis hin beektaa
Hubadhumee
Har'a garaa wal dhokfannaan
Bor nama gaabbii taana
Hidda malee xannachi hin dhiigu
Mee waan ofii maaltu caalaa
Jaalatoon
Faarsa
Jaalatoon
FaarsaFaarsa

Поcмотреть все песни артиста

Other albums by the artist

Similar artists