Kishore Kumar Hits

Haacaaluu Hundeessaa - Maal Mallisaa? lyrics

Artist: Haacaaluu Hundeessaa

album: Maal Mallisaa


(Hoofan hoofan) hoofan (hoofan) haadha biyyaa
(Hoofan) hoofan (hoofan) abbaa biyyaa
(Hoofan) hoofan (hoofan) barataa koo
(Hoofan) hoofan (hoofan) barattuu koo
(Hoofan) hoofan (hoofan) qotee bulaa
(Hoofan) hoofan (hoofan) abbaa biyyaa
Karaa baay'ee qabna yoom nu dhibe karaan irra deemnu
Silaa numa deemna numa deemna
Maalif galma hin geenyu
Karaa nu qabe moo garaadhalaa
Maaf gahuu dadhabne
Duunee gumaa dhabne
Lammiikoo ammawoo nuu game
Roorroon nutti hammaatte
Sabakoo ammawoo nuu game
Duunee gumaa dhabne
Lammiikoo ammawoo nuu game
Akka waan lollee lolchiisuu
Tasuma hin dandeenye
Akka diina lollee ofirraa
Qolachuu dadhabnee
Garaa laafnee buluu keenyaan
Diinaaf salphaa taane
Jaarraa tokkoof du'aa turre
Kunoo har'as duune
Maal mallisaa maal mallisaa
Maali egaa mallisaa
Maal mallisaa maal mallisaa
Maali malli mallisaa
Tokko hin du'aa tokko hin ajjesisaa
Dhufaa darbaan dhoohee numaan cabsaa
Kenya ammallee sanuma sanessa
Maal malliisaa kenya maal mallisaa
Karaa baay'ee qabna
Yoom nu dhibe karaan irra deemnu
Silaa numa deemna numa deemna
Maalif galma hin geenyu
Karaa nu qabe moo garaadhalaa
Maaf gahuu dadhabne
Duunee gumaa dhabne
Lammiikoo ammawoo nuu game
Roorroon nutti hammaatte
Lammiikoo ammawoo nuu game
Roorroon hin hammaatte
Lammiikoo ammawoo nuu game
Hayyuuf goota meeqa arjoomne
Kunoo har'a geenye
Anoleef Calanqoora tarraan
Bishooftuutti raajii taane
Garaa laafnee buluu keenyaan
Diinaaf salphaa taane
Waggaa dhibbaaf du'aa turre
Kunoo har'as duune
Maal mallisaa maal mallisaa
Maali egaa mallisaa
Maal mallisaa maal mallisaa
Maali malli mallisaa
Tokko hin du'aa tokko hin ajjesisaa
Dhufaa darbaan dhoohee numaan cabsaa
Kenya ammallee sanuma sanessa
Maal malliisaa kenya maal malliisaa
Maal mallisaa maal mallisaa
Maali egaa mallisaa
Maal mallisaa maal mallisaa
Maali malli mallisaa maal mallisaa
Harargeen mancaa qarran
Harargeen mancaa qarran jidda farda leenjise
Roorroon daangaa dabarraan Qeerroon falma murteesse
Qeerroon falma murteesse
Addaggeen safuu hin beektu
Addaggeen safuu hin beektu
Addarra dhaaban malee
Falmadhu qeerroo suma
Abdiin sabaa yoomillee
Si beekuuf bar shororkawu
Kanaaf garaa jabaatu
Irreef humna qabaniin
Ijibbaata falmatu
Siin miyi farda keeyyuu
Hin beeku bareechanii
Gaafa gaarreen Adawaa
Gaafa Maqalee sanii
Gameessakoo yaa Abba Daamaa
Yaa Abbaa Daalee yaa Abbaa Shaanqoo
Soori fardakee qopheessi
Eebookee qari soroorsi
Gaachana fannoorraa buusi
Roorroo didee sirra marse
Maaliif duuta mana teessee
Alaa eegaa hin abjootiin
Abjuu hin taane
Kaafadhu fardakeen falmi
Araat kiloof situ aane
Alaa eegaa hin abjootiin
Abjuu hin taane
Kaafadhu fardakeen falmi
Araat kiloof situ aane
Alaa eegaa hin abjootiin
Abjuu hin taane
Kaafadhu mancaakeen loli
Araat kiloof situ aane
Alaa eegaa hin abjootiin
Abjuu hin taane
Kaafadhu fardakeen falmi
Araat kiloof situ aane
Alaa eegaa hin abjootiin
Abjuu hin taane
Kaafadhu fardakeen falmi
Araat kiloof situ aane
Alaa eegaa hin abjootiin
Abjuu hin taane
Kaafadhu fardakeen falmi
Araat kiloof situ aane
Alaa eegaa hin abjootiin
Abjuu hin taane
Kaafadhu mancaakeen loli
Araat kiloof situ aane
Alaa eegaa hin abjootiin
Abjuu hin taane
Kaafadhu fardakeen falmi
Araat kiloof situ aane

Поcмотреть все песни артиста

Other albums by the artist

Similar artists