Kishore Kumar Hits

Nigusuu Taammiraat - Askottu Asiin Jira lyrics

Artist: Nigusuu Taammiraat

album: Haadhakoo


Bishaan Addis Ababaa ol xuruuramoo
Gad xuruura inni?
Bishaan Addis Ababaa ol xuruuramoo
Gad xuxxuxii na dhungadhu durattoo
Maqaa nurra tuulani
As kottuu asiin jira
Qallayyoo mudhii foo'a miigiraa
Cilaaloo gubbaa ba'ee
Qamadii Boqojjii
Gadi ilaalaa
Cilaaloo gubbaa ba'ee
Qamadii Boqojjii
Gadi ilaalaa
Dafeen, dhufa
Yaa intaalaa
Wal irraa fagaannaan
Wal wallaalla
As kottuu asiin jira
Arsii Asallaa
Walakkaan jira
Bishaan shaggarii gubbaa
Irra taa'aani kuula maranii
Bishaan shaggarii gubbaa
Irra taa'aani kuula maranii
Magaallee biyya tiyyaa
Hin jarjarani suuta barani
As kottuu asiin jira
Jimma Abbaa Jifaar
Walakkaan jira
Bishaan Awaash guutuudha
Maaltu hira'atee daaki naan jedhaa?
Bishaan Awaash guutuudha
Maaltu hira'atee daaki naan jedhaa?
Biyya alagaan jira
Enyutu beeloftee nyaadhu naan jedha?
As Kottu asiin jira Harargee
Dirree walakkaan jira
Kaleessa manni gubatee
Utuubaa wargee shantu gubatee
Kaleessa manni gubatee
Utuubaa wargee shantu gubatee
Anaan maal godhi jetta?
Tan sirra bareeddu na fudhate
As kottun asiin jira
Harargee Habroo walakkaan jira
Bishaan Waabe Sabaalee
Nan daaka moo milla kootin Kutuu?
Bishaan Waabe Sabaalee
Nan daaka moo milla kootin Kutuu?
Farda keettin gulufattee
Maa dhuftee Ijakeetin naa hin mil'attu?
As kottu assin jira Baalee Gobbaa
Roobee walakkaan jira
As kottuu asiin jira
Qallayyoo mudhii foo'a miigiraa
As kottuu asiin jira
Arsii Asallaa
Walakkaan jira
As kottu assin jira Baalee Gobbaa
Roobee walakkaan jira

Поcмотреть все песни артиста

Other albums by the artist

Similar artists