Kishore Kumar Hits

Lencho Gemechu - Saglii lyrics

Artist: Lencho Gemechu

album: Saglii


Iseet hiriyaa'ee iseet hiriyaa'ee
(Iseet' hiriyaa iseet hiriyaa iseet hiriyaa)
Iseet hiriyaa'ee iseet hiriyaa'ee
(Iseet' hiriyaa iseet hiriyaa iseet hiriyaa)
Coora Noonnoo Buunnoo bayee
Iluubbaaboor yoo beente been yee (Eee)
Been yee (Eee yoo beente been yee)
Booraan irraan Buree bayee
Suphee Mattuu Hurrumuu bayee
(Eee) Been yee
Eee Daarimuun bayee
Hiddinaan hiddi malee yaa kormakoo
Maal maqaa haxanxaarii
Sirbinaan sirbi malee yaa dammakoo
Maal maqaa na gabbarii
Gurraalee sayaan booraa yaa kormakoo
Gootichoo barii duule
An innaan jooruufoo suma ayyaantuuti
Ayyaantuuti milkiin tole
Iluubbaaboor
(Hooyee)
Iluubbaaboor
(Hooyee)
Iluubbaaboor fardi booraa ajjeessaan faachuma kooraa
Iluubbaaboor fardi booraa
Ajjeessaan faacha kooraa
Kooraa malee hin yaabani yaa kiilolee sirbi malee
(Kooraa malee hin yaabani yaa kiilolee sirbi malee)
Kooraa malee hin yaabani yaa kiilolee sirbi malee
(Kooraa malee hin yaabani yaa kiilolee sirbi malee)
Eee shooph
Irra keessa qotanna sangaa keenya battalli
Bar sangaa keenya battalli
Irra keessa kofallaa garaa keenya gargari
Garaa dhiira hin beekani
Kanniisni farsoo hin soortu yaa kormakoo yee
Damma biifatti sontii
Man'cuufeen daamaarra hin teessu kormakoo yee
Eeraquuf daamaa kortii
Boorrii booraa ajjeessaan faacha koora
Boorrii booraa ajjeessaan faacha koora
Abbaankoo duruu jagnaa
Abbaankoo duruu jagnaa
Saglii lugna hin muudani
Afaankee duroo dammaa
Afaankee duroo dammaa
Maaf soggidda cuubani
Abbaankoo duruu jagnaa
Abbaankoo duruu jagnaa
Saglii lugna hin muudani
Afaankee duroo dammaa
Afaankee duroo dammaa
Maaf soggidda cuubani
Dhas godhi sirbi kuullee yaa dammakoo
Hortee warra Daallamee
As asi dhiisi as koommee yaa dammakoo
Argaafan si beellame
Deemnullee waan nu argu yaa kormakoo
Billaa kichuu hin muranii
Waan baaneef erga taanee yaa kormakoo
Gammeessa hin takkaalanii
Safeefattuu kuulashii sonee mudhiin sabbataa
Sonee mudhini sabbataa
Yoo sirbituu sirbashii onnee maal na dhiitataa
Onneen maaf na dhiittataa
Warra Waajjootin sirbuu yaa kormakoo yee
Aallee harkaan naasisuu
Sirbituu silaa hinkoo yaa kormakoo yee
Daabana nan ceesisuu
Boorrii booraa ajjeessaan faacha koora
Boorrii booraa ajjeessaan faacha koora
Yaa tumaa Shengoo Meexxii
Tumaan kan Shengoo Meexxii
Beekkoon eebilattuudha
Waan baaneef silaa taane
Ee waan baaneef silaa taane
Waa shichi malachuudha
Kalaamaayee Kalaamaayee
Kalaamaayee ijaa booruu duruu sirraa loluu
Kalaamaayee Kalaamaayee
Kalaamaayee ijaa booruu duruu sirraa loluu
Hambabbeessakee jalaa horasaa budduqfatuu
Dargageessakee jalaa dhiiri lama hin dubbatuu
Baddaa keessa kaatani maqaa gurreen hin geeraruu
Gad baatammoo hin dhuftaree jaallataan garaa hin hiruu
Abbiddee korma goolee
Kan qaroo diddiimatuu
Argita atuu koot malee
Korma dhugaa boorratuu
Abbiddee korma goolee
Kan qaroo diddiimatuu
Argita atuu koot malee
Korma dhugaa boorratuu
Ijaaree kabaa kabaa
Dubbii gaaddisaam duruu
An deemen nagaa nagaa
Shaggeekoo walirraa toluu
Saan abbaa jiruu dhaltee
Sanbatee narraa fudhuu
An abbaa jiruun ta'ee
Waan badee barbaaddadhuu
Ee'ti hiriyaa
Ee'ti hiriyaa
Ee'ti hiriyaa
Ee'ti hiriyaa
Ee'ti hiriyaa
Ee'ti hiriyaa

Поcмотреть все песни артиста

Other albums by the artist

Similar artists