Kishore Kumar Hits

Isqiyas Mezemer Vs Dangaa H Qanani - Mee Chim Chim Goona lyrics

Artist: Isqiyas Mezemer Vs Dangaa H Qanani

album: Mee Chim Chim Goona


Koyyaa shungee mee chim chim goona
Koyyaa shungee mee chim chim goona
Koyyaa shungee mee chim chim goona
Yaa wayyaa koof yaa wayyaa kee intalaa
Yaa isa hiddiin tattaraaree (Woy Woy)
Yaa garaa koof yaa garaa kee intalaaa
Yaa isa giddiin gargar baasee
Nan yaasa jabboota kee mii aha
Nan yaasa malee hin galchuu mii (aha)
Nan yaada bar arguu ija kee mii gurbaa
Nan yaada malee hin arguu mii
Hoolaa gabaa wayyee keessa baasuu intalaa
Areeda ishee qabanii too (Wayyoo)
Golfaan mataa wayyee sitti haa raasuu intalaa
Bareeda kee isa kamiifoo
Gaaraa mannii wayyee gubateeraa aha
Jabboota bishaan obaasii (aha)
Bareedaana fudhateeraa gurbaa taa'ii imimmaan kee lolaasii
Lafa gabaan wayyee baaya baasaa intalaa
Hoolaan molgoon tokkon dheeddii (Woy Woy)
Ana garaana wayyee na dhamaasaa intalaa
Yoona tokko wojjin teessii
Haa ijaaruu wayyee abbaan ijaaree
Aha ani hin diiguu dagalee koo (aha)
Haa hinaafuu wayyee abbaan hinaafee
Gurbaa anoo hin dhiisuu jaalallee koo
Koyyaa shunggee mee chim chim goona
Koyyaa shunggee mee chim chim goona
Koyyaa shunggee mee chim chim goona
Koyyaa shunggee mee chim chim goona
Koyyaa shunggee mee chim chim goona
Mana ati ijaaratten hin beeka intalaa
Fuulleen gabaa dafinootii (Wayyoo)
Nama ati jaallaten hin beekaa intalaa
Nama garaan okkateetii
Dugugguruun wayye foon cinaachaa ahaa
Arba gambbeellaatu nyaatee (aha)
Du'u gumaa koo si baasaa
Gurbaa kunoo suma harkattan laafee
Muka baddaa woyye baala nyaatu intalaa
Naa ergi baala waleensuu (Woy Woy)
Quba qabdaa woyye waan naraasuu intalaa
Naa ergi waan na jabeessuu
Haguuggadheen woyyee laga ciisaa ahaa
Hidhaan harree wodaroodhaa (aha)
Na dhungadhuu woyyee gad nadhiisii gurbaa
Biyya hin barree madaqoodha
Kumarran tumaa tumaa yaantala
Amartii qalloo tokkoyee (Woyyoo)
Tura moo amman sirraa kutaa yaa intalaa
Gurbattii karuu tokkoyee
Daalachoo binnee gallaa yaa gurbaa
Yaa gogaa waraabessaayee (aha)
Jaalalloo qixxee woyyaa yaa gurbaa
Maa kophaa naraatessayee (aha)
Koyyaa shunggee mee chim chim goona
Koyyaa shunggee mee chim chim goona
Koyyaa shunggee mee chim chim goona
Koyyaa shunggee mee chim chim goona
Koyyaa shunggee mee chim chim goona

Поcмотреть все песни артиста

Other albums by the artist

Similar artists