Kishore Kumar Hits

Keekiyyaa Badhaadhaa - Madaqoo lyrics

Artist: Keekiyyaa Badhaadhaa

album: Madaqoo


Madaqoon kakuu bara kaanii
Madqanaan wallaalle afaani
Oromoon, abboo gali tooraa
Maaf guura-alalchita mooraa
Shan daddaaqaa, shan dandeenyee
Akka waaqaaf har'a geenyee
Abbaa jaanoo yoona dhageessee
Yaa volkaanoo yeroon geessee
Eertiraan chaartarri geggeessee
Asmaraan mukukkula deessee
Fokkisee imalli araaraa
Aanoleen muude mankaraaraa
Labsii mootee qorkee fakeenyaa
Biqiltuu kan dursutu nageenyaa
Hambaa Aanolee Calanqootii
Dirmammuu qabna sirna mootii
Itoophiyaan qeerroon wayyooftee
Itti-himan didduun maarree machooftee
Loltuu sabaa quuqamuu feetuu
Fakkeenya godhu magarsaa geetuu
Somaalee affaar walaan dhiitta
Qimaanti sidaamaas ni dhiitta
Gumuz agawuuf oromiyaan dhigaa
Dubbi qawwee qawwedhumatu diiga
Sifoolee eega mariin oolee
Si nyaatee lama walaa taatee
Hayyuu hiitee, si nyaate
Ofuu miitee, si nyaate
Keenya seerroo, si nyaate
Wbo'f qeerroo, si nyaate
Dhugaa kaatuu, si nyaate
Jalaa hin baatuu, si nyaate
Gadaa raasii, si nyaate
Dhukkee kaasii, si nyaate
Hayyuu hiitee, si nyaate
Ofuu miitee, si nyaate
Keenya seerroo, si nyaate
Wbo'f qeerroo, si nyaate
Dhugaa Kaatuu, si nyaate
Jalaa hin baatuu, si nyaate
Gadaa raasii, si nyaate
Dhukkee kaasii, si nyaate
Si nyaatee wala walaa taatee
Daddaaqaa garagalchaan waaqaa
Si nyaatee ati walaa taatee
Hafuuri, ati oduu guurii
Madaqoon kakuu bara kaanii
Madqanaan wallaalle afaani
Oromoon, abboo gali tooraa
Maaf guura-alalchita mooraa
Shan daddaaqaa, shan dandeenyee
Akka waaqaaf har'a geenyee
Abbaa jaanoo yoona dhageesse
Yaa volkaanoo yeroon geessee
Noobeliin hidhate zinnaaraa
Addunyaan dhoowwatte doolaaraa
Biyyattii fongole ayyaannii
Dinagdee butuche waraannii
Filannoo uggurame ogeessii
Hidhannoo duude dargaggeessii
Jeneraal artist haacaaluu
Gumaa gootaa shirri hin awwaaluu
Gudeeddaa diige dippiloomaasi
Sharafa alaaf isa Imbaasii
Biyya gidiraan deemtu karooraa
Saaxile qabsoon warra diyaaspooraa
Biyya hin gabbanne foon hayyuus nyaattuu
Maraatuun gara hallayyaa kaattuu
Dhukkuba siyaasaa dawaa yaalaa
Goda qilinxoof qaallittii ilaalaa
Sifoole eega lagaan oolle si nyaate ee walaa taate
Tokko nyaachu - si nyaate
Tokko baachu - si nyaate
Dubbii uumee - si nyaate
Wal sukkuume - si nyaate
Wal dhidhiibaa - si nyaate
Wal dhimbiiba - si nyaate
Bokkuu raasii, addaan baasi
Tokko nyaachu - si nyaate
Tokko baachu - si nyaate
Dubbii uumee - si nyaate
Wal sukkuume - si nyaate
Wal dhidhiibaa - si nyaate
Wal dhimbiiba - si nyaate
Bokkuu raasii, addaan baasi
Sobaanu warra dibbee dhaanu
Walii laalle yaa tawalwaalle
Si nyaate imalachuuf kaate
Si foole eega mariin oolle
Sobaanu warra dibbee dhaanu
Walii laalle yaa tawalwaalle
Si nyaate imalachuuf kaate
Si foole eega rafteen oolle

Поcмотреть все песни артиста

Other albums by the artist

Similar artists