Kishore Kumar Hits

Andualem Gosaa - Gumgume lyrics

Artist: Andualem Gosaa

album: Gumgume


Dhugaa ganamaa
Dhugeeffanna Oromummaa
Waloo uumaa
Waloo uumaa
Seertu seera namooma
Walooma walii
Walooma walii
Gadaan galti namaa waloo uumaa
Walooma walooma walooma
Walooma walooma walooma
Walooma walooma walooma
Walooma waliini waloomaa!
Gurree gurraan galu Gurraacha gurra lootii
Dafoo hadan dafii Ayyaana warra kootii
Qomoon mariin murtu Qormaata mara mooti
Gadaan waloon galtu Dhugaan walaba baati
Gurree gurraan galu Gurraacha gurra lootii
Gurree gurraan galu Gurraacha gurra lootii
Yayyaba Yaayyaa
Yaa ilmaan Aayyaa
Ilaa fi ilaameen
Tokkoomuu wayya
Yayyaba Yaayyaa
Yaa ilmaan Aayyaa
Ilaa fi ilaameen
Tokkoomuu wayya
Gumgume - sagaltaman si taajjabe
Gumgume - ijji moggaa moggaa
Gumgume - moggaatti wallaaluu
Gumgume - shimbir lagaa lagaa
Gumgume - mormori marmaaru
Gumgume - sirna karra karraa
Gumgume - karratti walwaalu
Gumgume - bar beekan walii galu
Harki harka harkaa
Hidhee wal sakaalu
Arrabni dhugaa didee
Waan dharaa daldalu
Seera uumaa dabsee
Uumamaan wal lolu
Dafoo dafimee
Waaqa waaqa - walooma waan Afrikaa
Koot yaa sooree
Yaa sororakoo
Waloo wal faana
Waliin dhugaa wal laanna
Koot yaa sooree
Yaa sororakoo
Waloo wal faana
Waliin dhugaa wal laanna
Walooma walooma walooma
Walooma walooma walooma
Walooma walooma walooma
Walooma waliini waloomaa!
Gurree gurraan galu
Gurraacha gurra lootii
Korjoo kormaan kormu
Korommii warra kootii
Lammiin lammiin yaatu
Lammachi luba yaati
Bokkuu gadaan galtu
Addunyaa mara mooti
Gurree gurraan galu
Gurraacha gurra lootii
Gurree gurraan galu
Gurraacha gurra lootii
Gumgume - tabbaan tabba tabbaa
Gumgume - tabbatti ol yaabu
Gumgume - lagaan laga laga
Gumgume - lagatti achi darbu
Gumgume - qomoon qomoo qabu
Gumgume - qomatti wal qabu
Gumgume - qomoon gamtaa qabu
Gumgume - mataa gadi hin qabu
Harki harka harkaa
Hidhee wal sakaalu
Arrabni dhugaa didee
Waan dharaa daldalu
Seera uumaa dabsee
Uumamaan wal lolu
Dafoo dafimee
Waaqa waaqa - walooma waan Afrikaa
Koot yaa sooree
Yaa sororakoo
Waloo wal faana
Waliin dhugaa wal laanna
Koot yaa sooree
Yaa sororakoo
Waloo wal faana
Waliin dhugaa wal laanna
Walooma walooma walooma
Walooma walooma walooma
Walooma walooma walooma
Walooma waliini waloomaa!

Поcмотреть все песни артиста

Other albums by the artist

Similar artists